|
|

Yaamicha Kora SDO-OCM International

USA, Minnesota
Waxabajjii 20, bara 2008
Lakk. 009/Wax/2008
Irraa: SDO-OCM International
Gara: Ummata_Oromoo
From Department of OCM International Organization & Strategic
Policy Affairs READ

IBSA
IJJANNOO SOCHII DAMMAQIINSA OROMUMMAA IRRAA
Caamsaa
27, 2008
Duullii sanyii duguuggii kan Waayyaanneen oromiyaa dhuunfachuuf
ummata Oromoo irratti gaggeessaa jirtu hatattamaan dhaabbachuu
qaba!!
Akeekni gabroomfataa habashaa ummata Oromoo biyya isaa irraa buqqisuudhaan,
yookaan ammoo, yoo danda'ameef sanyii oromoo lafarraa duguuguudhaan
Oromiyaa dhuunffachuu akka tahe, dararaan waggaa 100 ol ummata
oromoo irra gayaa jiru ragaa baya.
Akeeka kana karooraan yeroo dheeraa keessatti fiixa baasuuf jecha,
gabroomfataan habashaa martuu ummata oromoo biyya isaa irraa buqqisaa,
hiyyummaa, beela, dhukkubaa fi doofummaa irratti dagaagsaa, lubbuu
ilmaan Oromoo qusannoo tokko malee qisaasaa Oromiyaa irratti umrii
gabrummaa waggaa dhibbaa ol lakkaawwachuu isaa seenaan ragaa baya.
Dhaadannoo Meles Zenawi, kan "Ummata Oromoo saba guddeessa
tahuu irraa saba bicuutti gadi buusna" jedhu karooraan hojitti
hiikuuf jecha, Waayyaaneen, ummata Oromoo beelaan, dhukkubaa fi
ajjeechaan lafarraa duguuguu bira kuttee, kan lubbuun jirullee
maqaa „misooma" fi „investment" jedhuun
biyya isaa irraa buqqisuu waggaa 17 oliif itti fuftee jirti. Kana
irrattis dabalee, ummata oromoo fi ummatoota ollaa isaa jiraatan
jiddutti lola cubbuu kakaasuudhaan, lubbuu fi qabeenya miliyoona
heddutti tilmaamu barbadeessuu itti fuftee jirti.
Nuti miseensonni Sochii Dammaqiinsa Oromummaa, duula sanyii duguuggii
kan Waayyaaneen waggaa 17 ol ummata Oromoo irratti adeemsisaa
jirtu kana gadi fageenyaan xiinxalluu fi hubachuudhaan :
1) Jaarmayoonni Oromoo kan biyya keessaa fi biyya alaa keessatti
mirga ummata Oromoo kabajchiisuuf qabsaawan hundi, akeeka gabroomfataan
habashaa sanyii oromoo lafarraa duguuguudhaan oromiyaa dhuunfachuuf
baafatee waggaa 100 ol ummata oromoo irratti adeemsisaa jiru kana,
afaaniif irree tokkoon akka afoo dhaabbatan ni gaafanna. Garaagarummaa
xiqiqqoo isaan jidduu jirtu tarreessuu qofaan umrii lakkaawwachuu
dhiisanii afaan tokkoon ummata oromoo ijaaruu fi hidhachiisuudhaan
qabsoo bilisummaa finiinsuudhaan hundee Waayyaannee buqqisuu irratti
akka xiyyeeffatan gaafanna. Nullee, dirqama nurraa eeggamuu hundaan
isin bira ni dhaabanna.
2) Hayyoonni Oromoo kan biyya keessaa fi biyya alaa jiran hundi,
badii Waayyaaneen ummata keenyarratti adeemsisaa jirtu kana gadi
fageennyaan hubachuudhaan, saboota, mootummootaa fi jaarmayoota
biyya keessa jiraatanii hundatti roorroo saba Oromoo irra gayaa
jirtu sagalee tokkoona akka iyyatan kabajaan gaafanna, waamicha
lammummaa goonaaf.
3) Lammiin oromoo hundi, bakka jiru hundaa wal waamee, wal ijaaree,
ijaaramee, duula sanyii duguuggii kan Waayyaaneen ummata keenyarratti
adeemsisftu kana, fuullee hundaan akka afoo dhaabbatu kabajaan
gaafanna.
4) Waayyaaneen tooftaa "investment" fi „misooma"
jedhuun ummata Oromoo: Harargee, Arsii, Baale, Gujii, Wallaga,
Boorana, Waltajjii oromiyaa, ... fi kfk. irraa buqqisaa jirachuun
beekkamaadha. Badii Waayyaaneen ummata keenyarratti adeemsimftu
kana balaaleffataa, ummanni Oromoo haala diinummaa kan Waayyaaneen
isarratti adeemsiftu kana gadi fageenyyaan hubachuudhaan, qabsoo
isaa fuullee hundaan finiinsee mirga isaa akka kabajchiifatu itti
dhaamanna, karaa hundaan qabsoo isaa bira dhaabbannas.
5) Ummanni Oromoo fi ummatoonni ollaa isaa jiraatan hundi, shira
Waayyaanneen umrii isii dheereffachuuf ummatoota jiddutti xaxxu
irratti dammaqee seetee Waayyaaneen isaan jiddutti uumtu hundaa
aadaa isaatiin furataa, karoora Waayyaannee fashalsuun nagayaa
fi ollooma gaariin akka waliin jiraatan itti dhaamanna.
6) Mootumoonni Addunyaa fi jaarmayoonni mirga namoomaatiif dhaabbatan
hundi, duula sanyii duguuggii kan Waayyanneen ummata oromoo irratti
adeemsisaa jirtu afoo dhaabbachuun lubbuu ummata oromoo badii
irraa akka baraaran kabajaan gaafanna.
7) Tokkummaan Mootummoota Addunyaa (UN) badii Waayyaaneen ummata
Oromoo adeemsiftu kana balaaleffattee ummata oromoo kan qe'ee
isaa irraa afaan qawweetiin buqqifame gargaarsaan akka dhaqqabu
kabajaan gaafanna. Kana irrattis dabalee, qaama walabaa badii
Waayyaaneen ummata Oromoo irratti adeemsiftu kana qoratu akka
ramadu kabajaan gaafanna.
8) Dhumarrattis, duula shanyii duguuggii kan Waayyaaneen ummata
Oromo irratti adeemsiftu irra-dedeebinee balaaleffataa, jeequmsa
sababaa kanaan dhalatu hundaaf itti gaafatamtuun Waayyaanee qofa
tahuu akeekaa, sab-lammoonni ollaa ummata Oromoo jiraatan hundi
jeequmsa waayyaaneen uumtu hunda akka afoo dhaabbatan wamichaa
oboleeyumma goonaaf, (dhiiyeesinnaaf).
Tokkummaan Humna!
Oromummaan Kufne, Oromummaan Kaana!
Oromoon ni mooya!
|
Koonfaransa Idil-Addunyaa Qabsoo
Bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaa
Howard University, Washington, DC
Caamsaa 17 – 18, 2008
Murtii fi kutannoolee itti-bahiinsa walgahii TKBO
Waamicha walgahii Tumsi Kaayyoo Bilisummaa Oromoo (TKBO) godhe fudhatuudhaan
hawaasni Oromoo, bakka bu'ootni jaarmayooti siyaasaa Oromoo shanii
(5) (Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Adda Tokkummaa Bilisummaa Ummata
Oromomoo (ATBUO), Adda Walabummaa Dimokraasummaa Oromiyaa (AWDO),
Adda Walabummaa Oromiyaa (AWO), Gumii Adda Bilisummaa Ummata Oromoo
(GABUO) fi Sochii Dammaqiinsa Oromummaa (SDO/OCM) qooda fudhatuudhaan
guyyoota lamaf (2) (Caamsaa 17-18/2008) magaalaa Washington, DC
teessuma Howard University keessatti godhame irraa fiixa bahiinsa
qabsoo bilisummaa Oromoo, haala yeroo ammaa ummatni Oromoo biyya
keessaa fii biyyoota ollaa keessatti irra gahaa jiru, hidhamuun,
ajjeefamuun, biyyaa ari'amuun sadarkaa yaaddessaa keessa jiraachuu
irratti, kaayyoon qabsoo bilisummaa ummata Oromoo mootummaa Oromiyaa
walaba ijaaratuu malee dimokraasummaa sirna Impaayera Itoophiyaa
akka hin taane marii babal'aa godhatanii Murtiilee armaa gadii kana
irratti walii galanii milkiin xumuratanii jiru.
1. Furmaatni rakkoo saba Oromoo bilisummaa sabaatii fi walabummaa
biyya Oromoo qofaan hiikama. Kunis kan mirkanaahuun Humna tokkoon
bobbahanii sirna Koloneeffataa abashaa cabsuudhaani.
2. Galiin qabsoo bilisummaa ummata Oromoo bilisummaa saba Oromoo
mirkaneessuu waan ta'eef diina keessaafii alaa kanneen gufuu qabsoo
bilisummaa Oromoo ta'an dura dhaabbanna!
3. Dhaabbileen Oromoo walabni kanneen walgahii kana irraa qooda
fudhatan walii galtee fi gamtaan qabsaawuun yeroo bilisummaa shaffisiisuu
isaa hubatanii wajjin qabsaawuuf walii galanii Jiru.
4. Olola diinnan qabsoo bilisummaa Oromoo irratti godhaa jiran sagalee
tokkon dura dhaabbachuuf murteeffatanii jiru.
5. Qabsoo bilisummaa Oromoo gamtaan gabbisuun barbaachisaa ta'uun
amanamee ULFOn dhaabbachuun ni hubatama, akeeka ULFOn dhaabbateef
cimsuuf jabeessuun barbaachisaa ta'uu irratti walii galamaee jira.
6. Walabummaan Oromiyaa qabsoo malee hawwiin hin argamtu; akkasumas
Oromoon Bilisa bahuuf humni alaa hin murteessu. Qabsoon bilisummaa
Oromoo irree tokkummaa ilmaan Oromoo irratti irkatti. Kanaaf, ilmaan
Oromoo hundi qabsoo bilisummaatti dabalamanii akka qabsaawan irra
deddeebinee waamicha dhiheessina.
7. Jarmayoota Oromo kan bilisummaa Oromootiif qabsoo godhaa jiran
gidduutti wal-amantii cimsuun barbaachisaa ta'uun isaa hubatamee
irratti hojjachuuf walii galamee ta'ee jira.
8. Walgahiin marii humnoota mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo hunda
ammatu tokko yeroo gababaa keessatti akka qophaahu walii galamee
jira.
9. Kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo fiixa baasuuf qoodni dargaggoo
fi shamarran Oromoo akka cimu taasisuun barbaachisaa ta'uun isaa
hubatamee akka irratti hojjatamu irratti waliif galamee jira.
10. Lafti Oromoo diinaan dhuumfatamaa jira. Ummatni Oromoo biyya
abbaa isaa irratti ajjeefamaa, hidhamaa, tumamaa, saamamaa lafa
isaa irraa ari'amaa jira. Keessattuu Oromootni biyya alaatii dhaqanii
lafa diinni qotee bulaa Oromoo irraa buqqisaa jiru fudhachuun waan
nama gaddisiisu. Gocha kana walgahiin kun jabeessee balaaleffata.
Oromiyaan Ni bilisoomti!
Caamsaa 18, 2008
Washington, DC
--
Yaa Rabbi ati Oromoo Gargaari. |
Ibsa Ijjannoo Xumura-Walgahii SDO Idil-Addunyaa
Damee Americaa Bitaa, Teessuma Dallas, Texas-USA
.Bitootessa 23, 2008 Lakk: 01/SDO/2008
Caayaan Sochii Dammaqiinsa Oromummaa walgahii wixinee isa Jalqabaa
yeroo duraatiif dhaabbilee Siyaasa Oromoo walaba ta’an,
waldaalee Hawaasummaa garaa garaa, Hayyootaa fi Hoogganoota Qabsoo
Oromoo, Ummata Oromoo Magaalaa Tana Jiru hirmaachisee Milkiin
Xumuratee Jira.
Walgahiin kun akkuma aadaa Oromootti eebba maanguddootiin kan
banamee xumurame yoo ta’u itti fufuunis Hundeessitootaa
fi gaggeessitootni SDO Birkii Gadaa Melbaa wal duraa duubaan akeeka
SDO ibsuu irraa hanga xiinxala gufuulee Qabsoo Bilisummaa Oromoo
fi walabummaa Oromiyaa, Furmaata isaa tarreessuuf sagalee tokkoon
irratti walii galuu, maqaan malee galiidhaan dhaabbileen Oromoo
walaba ta’an akka garaa-garummaa jabaataa hin qabaanne tuqamee
Jira. Itti fufuudhaan Dhaamsi Dura Taa’aa ULFO fi FIDO Obbo
Jaarraa Abbaa Gadaa, Barreessaa ULFO Obbo Abdusalaam Alii, Hayyuu
Qorannoo Wal-dhibdee Professor Hamdeessaa Tusoo, Bakka Buutota
Dhaabbilee Siyaasa Oromoo Walabaa, ATBUO-Obbo Jamaal Ibraahim,
Itti aanaa hayyuu Kallacha AWO Obbo Karoorsaa Bosonaa, Gaafatamaa
Siyaasaa fi Jaarmaya ABO-Gumii Sabaa Obbo Ibraahim Abbaayyee akkasumas
Hoogganootni Dhaabbilee Biroo gabaabbina Yerootiif akka hirmaachuu
hin dandeenyee fi fuula duraaf akka irratti hirmaatan nu beeksisanii
walgahii Milkii akka nuuf ta’u hawwii isaanii deebii xalayaa
waamicha afeerrii teenyaaf deebii nuuf erganii Jiru. Walgahii
sa’aa 7 oliif taasifame kana Guutuu addunyaa irraa karaa
sarara Internet kan Paltalk jedhamuun namootni lakkobsaa heddutti
shallagaman haala gammachiisaa naamusaa fi kabaja qabuun hirmaachaa
oolanii jiru.
Haaluma kanaan walgahii kana ilaalchisee Murtiilee fi ijjannoo
armaan gadii dabarsinee jira. Itti fufa walgahii kana fakkaatuu
Birkiileen Gadaa Shanan SDO wal-duraa duubaan Gadaan Birmajii-Kibba
Pasific Melbourne, Gadaan Michillee-Oslo Norway Keessatti, Gadaan
Melbaa ammas yeroo 2ffaa Minnesota-Minneapolis Keessatti akka
qindeessaa jiran hubatamee jira.
1.Ummatni Oromoo akka saba tokkootti, akka ummata hegeree tokko
qabuutti, akka ummata afaan tokko dubbatuutti iggitii fi hacuuccaa
tokko malee haguuggii dhaabbilee siyaasaa caala Oromummaan haa-dursitu
jedhee sabummaa isaatiif dursa kennee hegeree isaa irratti mari’atee
akka qabsoo isaa finiinsee galii rukuchiisu waamichi godhame.
2. Dhaabbileen siyaasa Oromoo walaba ta’an garaa garummaa
isaan jidduu jirtu xiqqeeffatanii diina waloo irratti waliin bu’aa
saba isaaniitiif wajji hojjachuu irraa yoo danda’ame hanga
walitti baquutti, akkasumas jireenya maqaa qofa osoo hin taane
waan qabatamaa fi mul’ataa tokkoon akka yeroo gabaabaa keessa
ummata isaatiitti waan qabatamaan gadi bahan yaamichi lammummaa
godhameef.
3. Gama gulantaa siyaasa Oromootiin THBO jabeessuu fi gama Hawaasa
Jabeessuutiin Ijaarsota hundee Oromummaa kan ta’an waldaalee
akka Maccaa fi Tuulamaa Jajjabeessuu, safuu Sirna Gadaa kabajuu
fi wal-jalaa dhagahuu, wal-jala deemuu, walii abboomamuu, ilaaf
ilaameen rakkoolee xixiqqoon furamtee rakkina walootti akka xiyyeeffatamu
irra deddeebi’amee ibsamee jira.
Oromummaan Haa-dursitu!
Tokkummaan Saba Oromoo Ni Jabaata!
Oromoon Ni Mooha!
Bitootessa 23, 2008 OCM International/ SDO Koreelee Shanan Gadaa
Idil Addunyaa.
|
|
|